Hidhattoonni hafan waamicha nageenyaa akka fudhatan Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo waamicha dhiyeesse
Finfinnee, Mudde 1, 2017 (FMC) –Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo Bosonatti hafan waamicha nageenyaa akka fudhatan Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo waamicha dhiyeesseera.
Waliigaltee Araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota olaanoo Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasiifame hordofee miseensonni WBO karaa nagaan gara giddugalaatti galaa jiru.
Kanneen hidhannoon Bosonatti hafanis faana kana akka hordofeen Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo waamicha taasisuu TOI gabaaseera.