Fana: At a Speed of Life!

Hidhattoonni gosa Muurlee Sudaan Kibbaarraa ka’uun naannoo Gambeellaa Kaampii baqattootaarratti haleellaa raawwachuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Hidhattoonni gosa Muurlee Sudaan Kibbaarraa ka’uun daangaa ce’uun naannoo Gambeellaa Kaampii baqattootaarratti haleellaa raawwachuu Prees Seekereetariyaatiin naannichaa ibse.

Haleellaa hidhattoonni gosichaa raawwataniin lubbuun nama tokkoo darbuu, namoota lamarra miidhaan qaqqabuu fi daa’imman 3 ukkaamfamanii fudhatamuu hogganaan Prees Seekretariyaatii naannichaa obbo Uugatuu Adiing ibsaniiru.

Daangaan naannichii fi Sudaan Kibbaa ittiin wal daangessan bal’aa fi banaa waan ta’eef hidhattoonni yeroo garaagaraatti irra deddeebiin haleellaa raawwachaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataanis aanaa Googitti mootar saayikilii magaalaa Tuunjoorraa gara ganda Teedootti imalurratti haleellaa raawwachuun lubbuun nama tokkoo darbuu dubbataniiru.

Yeroo dhiyoottis konkolaataa fe’iinsaa Aayisuuzuu Magaalaa Gaambeellaa gara godina Nuweeritti imalaa turerratti haleellaa namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen raawwatameen konkolaachisaa fi gargaaraan isa du’uu yaadachiisaniiru.

Namoota haleellaa raawwatan irratti tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf humni addaa fi milishaan naannichaa hojii cimaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasnis qaamolee nageenyaa cina dhaabbachuun deeggarsa barbaachisaa akka  taasisuu gaafachuu isaanii ragaan Prees Seekretariyaat naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.