Hidhattoonni gosa Muurlee daangaa ce’uun hawaasarratti miidhaa akka hin qaqqabsiisneef hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Naannoo Gambeellaa aanaa Akoobootti hidhattoonni gosa Muurlee Sudaan Kibbaarraa ka’uun daangaa ce’uun hawaasarratti miidhaa akka hin qaqqabsiisneef qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi aanichaa beeksise.
Hidhattoonni gosa Muurlee yeroo garaagaraatti Sudaan Kibbaarraa ka’uun daangaa ce’uun gara naannichaa seenuun haleellaa raawwachaa turuu bulchaan aanaa Akooboo obbo Koong Gaatiyootee ibsaniiru.
Hidhattoonni gosichaa miidhaa lubbuu namaarraan geesisaniin alatti daa’immanii fi beelladoota saamaa turuu ibsuun yeroo ammaa qaamolee nageenyaa naannichaa waliin ta’uunii fi bakkeewan yaaddoo ta’uu danda’an adda baasuun haleellaa garichaa hambisuuf hojjetamaa jiraachuukaasaniiru.
Aanichatti bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka neetwoorkii fi daandii guutamuu dhabuun rakkicha saffisaan furuuf ulfaataa taasisuu fi mootummaan bu’uuraalee kanneen irratti xiyyeeffannoo kennuu akka qabu eeraniiru.
Lammiilee Sababa haleellaa hidhattoota kanaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi midhaan nyaataa taasifamuu ibsuun tattaaffii mootummaan lammiilee buqqa’an deeggaruuf taasisu dinqisiifataniiru.
Hojii gaggeessaa olaanaan Ejensii Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannichaa obbo Gaatbeel Muun gamasaaniin kanaan dura hidhattoonni gosa Muurlee Sudaan kibbaarraa ka’uun daangaa ce’uun haleellaa bananiin lubbuun namoota 9 darbuu ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa lammiilee kuma 2 fi 500 sababa haleellaa kanaan miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru.
Lammiileen buqqa’anis deeggarsa taasifameefiin gammadoo ta’uu fi gara qe’ee isaaniitti hanga debi’anitti deeggarsichi cimee akka itti fufu gaafachuu isanii ragaan Prees Seekretariyaatii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.