Hidhattoonni duraanii leenjii haaromsaa fudhatan hawaasatti makaman
Finfinnee, Sadaasa 24, 2017 (FBC)- Naannoo Tigraayitti hidhattoonni duraanii leenjii haaromsaa fudhatan 640 hawaasatti makamuu Komishiniin Haaromsa Biyyaaleessaa beeksise.
Leenjitoonni kunneen Giddugala Leenjii Maqalee fi Idaaga Haamusitti leenjiii kennamaafii ture xumuruu fi hawaasatti akka makaman taasifamuu Daayrektarri Diimoobilaayizeeshinii Koomishinichaa Leetenal Koloneel Goosaayee Xilaahuun dubbataniiru.
Giddugaloota kanneenitti hidhattoonni duraanii kumni 1 fi 360 adeemsa leenjiirra jiraachuu fi fuulduratti hawaasatti akka makaman TOI gabaaseera.
Baatiiwwan afran dhufan keessa hidhattoonni duraanii naannichaa kumni 75 jireenya idilee isaaniitti akka deebi’an kaasaniiru.
Waggoota lamaan dhufan keessas naannolee 7’tti marsaa jalqabaan hidhattoota duraanii kuma 300 fi kuma 71 hojiileen hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii dandamachiisuu akka hojjetaman akeekameera.
#Oromia #Ethiopia