Hidhaan Haaroomsaa biyyoon akka hin guuttamne hojjetamuu qaba
Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Hidhaan haaroomsaa guddichi biyyoon akka hinguuttamne hojiin misooma sululaa ciminaan hojjetamuu qaba jedhame.
Waltajjiin marii biyyaaleessa hojii misooma sululaa irratti xiyyeeffate Magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jira.
Baasii guddaan kan hojjetamaan hidhaaleen biyyaattii biyyoon akka hin guuttamne ittisuun dirqama ta’uu qaba jedhan Daayreekteerri hirmaannaa ummataa biyyaaleessaa mana maree hidha haaroomsaa aadde Roomaan Gabrasilaalsee.
Jiruu fi jireenyaa qonnaan bulaa itti fufiinsaan fooyyeessuu fi imala haaroomsaa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Waggoottan darban naannoo hundatti hojiin misooma sululaa Doolaara Miiliiyoona 81tti tilmaamamu hojjetamuu dubbataniiru.
Hojiin ijaarsa hidha haaroomsaa dhibbeentaa 69.7 irra ga’uus aadde Romaan ibsaniiru.
Waltajjiin marii biyyaaleessaa hidha bishaanii fi hojiilee misooma sululaa irratti xiyyeeffate kun yeroo 3ffaaf gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, barreeffamni qorannoo shan dhiyaachuun mariin kan irratti gaggeeffamuu ta’uu ragaan ni muul’isa.
Maddi:- TOI
Top of Form
Bottom of Form