Hidhaa fi Proojektii jallisii Kaaliid Diijoof boru dhagaan bu’uraa ni kaa’ama
Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Godina Silxeetti Hidhaa fi Proojektii jallisii Kaaliid Diijoof boru dhagaan bu’uraa ni kaa’ama jedhame.
Birrii biiliyoona 1.2 kan ijaarramu Proojektiin kun qonnaan bultoota kuma 3 fi 600 fayyadamoo taasiisu danda’a jedhame.
Hidhichi meetira kuma 1 fi 731 kan dheeratu yoo ta’u, meetira 30 ol ka’iinsa kan qabu ta’uu himameera.
Lafa hektaara kuma 1 fi 800 ol misoomsuu akka danda’u eerrameera.
Proojektii godina Silxee anaa Daaloochaa fi magalaa Waraabeetti laga Kaaliidii fi Diijoorratti ijaarramuuf guyyaa boruu dhagaan bu’uura kan kaa’amu ta’uu ibsameera.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti hoggantoonni federaalaa fi naannolee ni argamu jedhamee eeggama.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.