Fana: At a Speed of Life!

Hidha Laga Daadhii fi Dirree haaromsuuf walliigalteen Doolaara miiliyoona 11 mallateeffaame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hidha  Lagaa Daadhii fi Dirree haaromsuu fi fooyyessuuf dhaabbata Xaaliyaanii Saaliinii waliin waliigaltee Doolaaraa miiliyoona 11 mallatteesseera.

Waggoota 50 oliif Magaalaan Finfinnee dhiyeessii bishaan dhugaatii kan irraa argataa jirtu Laga Daadhii haaromsuuf waliigaltechaa har’a mallatteesseera.

Bu’uuara waliigaltechaan hojiileen ulaawwan bishaan hin barbarbaachifne ittiin yaasan, to’annoo yeroo balaa fi hidhicharraa garaa buufataa qulqulleessaatti sarara geessuu suphuu fi fooyyessuu akkasumas, bishaan biyyee lolaan guutame qulqulleesuu fi fooyyessuun kan gaggeeffamu ta’u ibsameera.

Dhiyeessii bishaan dhugaatii magaalichaa guddisuuf piroojektii bishaanii haaraa ijaaruu dabalatee piroojektiiwwan bishaanii buleeyyiin hawaasa magaalichaaf tajaajila kennuu akka danda’anitti hojiin haaromsaafi suphaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu kantiibaan magaalichaa aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Hidhi Laga Daadhiifi Dirree waggoottan 30’f suphaa ga’aa malee tajaajiluu yaadachiisuun, waggoottan 50 oliif akka tajaajilaniif hojiin suphuu fi haaromsuu barbaachisaa ta’ee argamuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.