Fana: At a Speed of Life!

Hidha haaroomsaarratti mari’achuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts garaagarummaa Hidha Haaroomsa Guddicharratti qaban mariin furuuf waliigalteerra ga’an.
 
Haala guutinsaa fi bishaan waggaan gadi dhiifamu ilaalchisee mariin sadee itti fufiinsan kan gaggeefamu ta’uu ibsameera.
 
Ministiroonni dhimma alaa biyyoota sadanii bakka Afrikaan Kibbaa, Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaan taajjabdummaan argamanitti guyyaa kaleessaa marii gaggeessaniiru.
 
Dhimmoota ijoo fi haala sirna mariirratti mari’atameera.
 
Biyyoonni sadanuu dhimmoota ijoorratti yaada isaanii dhiyeessaniiru.
 
Haaluma kanaa yeroo itti aanuu itti fufiinsaan marii gaggeessuuf walii galuu isaanii ragaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjiirraa argame ni muul’isa.
 
Ga’een taajjabdootaa maal akka ta’uu qabu waliigalteerra kan hin ga’amne yoo ta’u, marichi har’as itti fufeera.
 
Mariin gaggeeffamu haala guutinsaa fi gadi lakkifama bishaanii qofarratti kan xiyyeeffate ta’uu eerrameera.
 
Ityoophiyaan garaagarummaa Hidha Haaroomsa Guddichaa biyyoota sadan gidduu jiru mariin furuuf yeroo kamiiyyuu qophii ta’uu Ministeerichi beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.