Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaan fayyadamtummaa waloo mirkaneessuuf hojjetti- Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC)- Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaan fayyadamtummaa waloo mirkaneessuuf hojjetti jedhan ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan.
 
Waltajjiin marii Hidha Haaromsaarratti xiyyeeffatee fi kan Inistiitiyuutiin Dhimmoota Trsiima’aa qopheesse magaalaa Finfinnee Hoteela Haayaat Reejansiitti gaggeeffameera.
 
Waltajjicharratti Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa dabalatee, miseensi marii dhimma Hidha Haaromsaa Injiinar Geede’oon Asfaaw, hoji gaggeessaa olaanaan Hidha Haaromsaa Injiinar Kiflee Horroo fi Tafarraa Bayyanaan hirmaataniiru.
 
Dooktar Injiinar Silashiin akka jedhanitti, mariin Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduutti gaggeeffamaa jiru bifa fayyadamtummaa waloo biyyoota yaa’a gadaanu mirkaneessun ta’a jedhaniiru.
 
Ijaarsi hidhichaa humna elektiriikaa maddisiisuun cinaatti, misooma tuuriizimii fi qurxummiirratti ga’ee ni qabaatan ibsan.
Lakkoofsi tarbaayinoota humna elektiriikaa maddisiisan 16rraa gara 13tti hir’ifamaniiru; kunis meeggaa waatii 5,150 maddisiisuun Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 10 qusachuu dandeessisa jedhaniiru.
 
Gareen marii Hidha Haaromsaa ijaarsi hidhichaa waggaa 8n dura eegaluun durarraa kaasee amma ammaatti mariiwwan faayidaa biyyaa kabachiisan hedduun gaggeeffamuu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.