Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaaf galiin Birrii Biiliyoona 1.7 walitti qabame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)- Bara baajataa xumurame Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaaf deeggarsi Birrii biiliyoona 1.7 olii walitti qabamuu Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Pirojketii Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa beeksise.

Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Waajjirichaa Haayiluu Abrahaam, lammileen biyya keessaa fi alaa hidhichaaf tumsa gama maraa taasisuu itti fufuu ibsan.

Gurgurtaa boondii, ergaa gabaabaa, gurgurtaa piinii fi filmaatawwan maddeen galii biroon deeggarsi walitti qabamuu kaasan.

Haaluma kanaan bara bajataa xumurame hidhichaaf deeggarsa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 712 walitti qabamuu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Raawwiin kunis kan bara darbeerra fooyya’iinsa akka qabu himanii, hidhicha xumuruuf hirmaannaa fi tattaaffii taasifamuuf deeggarsi lammiilee cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiya, biyyattiirra darbee biyyootaa ollaa fayyadamtoota humna elektirikii akka taasisu yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.