Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaaf galii Birrii miiliyoona 500-700 walitti qabuuf sosochiin eegalame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)- Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa baatii tokkoof kan turu sosochii galii walitti qabuu eegalchiiseera.

Sosochichi mata duree “Hidha koo xumuruuf waadaa koon Haaromsa” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Ittaanaan Daayrektaraa Waajjirichaa Fiqirtee Taammiraat akka ibsanitti, sosochichaan galii Birrii miiliyoona 500 hanga 700 walitti qabuuf karoorfameera.

Karoorichas milkeessuuf Baankii Misoomaa, Baankii Daldalaa, Ministeera Dhimma Alaa fi dhaabbilee biroo waliin walta’iinsaan akka hojjetamu dubbataniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alatti argaman Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisuun gahee gama isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Siisaay Geetinnatitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.