Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaa ilaalchisee Itiyoophiyaan mariif qophii ta’uu Dooktar Abiy ibsan

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa ilaalchisee ammallee Itiyoophiyaan mariif qophii ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad ibsa Paarlaamaaf kennaniin akka jedhanitti, gaaffilee Ijipti qabdu dhaggeeffachun furuuf qophii ta’uu fi Ijiptis gaaffilee Itiyoophiyaa dhaggeeffachuuf qophii ta’uu qabdi.

Itiyoophiyaan bishaan hidha haaromsaa guutuuf wayita eegaltu bishaanni Hidha Aswaan ni hir’isa jedhamuun kan ololamaa ture sirrii akka hintaanee qabatamaan argisiiseera jedhan.

Yeroo ammaas dhimmi guutiinsa bishaan hidhichaa gaaffii akka hintaane kaasuun, Itiyoophiyaan marii fi walta’iinsan guddachuutti kan amantu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.