Hidha haaromsaa guddichaa hordofee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaaniif yaadni wixinee murtoo Tuuniiziyaatin dhiyaatee fudhatama akka dhabsiisuu gaafatame
Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Ambaasaaddaroota miseensoota biyyoota Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin obbo Dammaqaan hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa ilaalchisee gama Tuuniziyaatiin yaanni wixinee murtoo dhiyaate fudhatamaa akka dhabsiisuu gaafataniiru.
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaa gama isaaniin, sadarka ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa fi faayidaa hidhicha, karaa Tuuniziyaatin mana maree nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif yaanni wixinee murtoo dhiyaatee ilaalchisee akkasumas dhimmicharratti ejjeennoo Ityoophiyaan qabdu Ambaasaaddarootaa kanneeniif ibsa laataniiru.
Hidhi haaromsaa guddichi proojektii misoomaa ta’uusaan mana maree nageenyaatin dhimma ilaalamuu hin qabne ta’uusaa kaasaniiru.
Kana duraa bara Faranjoota baatii Adooleessa dhimmicha mana maree nageenyaaf dhiyaatee, biyyoonni sadeen qindeessummaa Gamtaa Afrikaatin mariin sadeenii gaggeeffamuu itti fufusiisuun furfaamatarra akka ga’aan kallattin ka’aamee turu ibsameera.
Yaa ta’uu malee dhimmicha karaa Tuuniziyaa ammoo mana maree nageenyaaf dhiyeessuun fudhatamaa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Yaanni wixinee murtoo Tuuniziyaan dhiyaatees mirga qabeenyummaa isheetti fayyadamtuu kan dhiibuu fi haqa qabeessaa kan hin taanee faayidaa biyyoota ya’aa qofaa tilmaama keessaa kan galchee ta’uusaan fudhatamaa kan qabnee ta’uu ibsameera.
Maddi:-Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.