Fana: At a Speed of Life!

Hezboollaan Xiyyaara nama maleessaan Israa’eel haleeluu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Gareen Hidhattootaa Libaanoos Hezboollaan Xiyyaara nama maleessaa fi Rokkeettiin Israa’eel haleeluu gabaafameera.

Torban darbe Israa’el xiyyaarota waraanaatiin haleellaa raawwatteen gaggeessaa Hezbollaa Fu’aad Shukir kibba magaalaa Libaanositti ajjeesuun muddama qaamolee lamaanii hammaateef sababa ta’uu eerameera.

Hezbollaan Kaaba Israa’eel dhiyeenya Akreetti kan argamu mooraa waraanaa lama xiyyaara Nama maleeyyiin haleeluu ibsameera.

Akkasumas Konkolaattoota waraanaa Israa’eel irrattis haleellaa raawwachuu himeera.

Israa’eel gama isheen Xiyyaaroonni nama maleeyyii hedduun Libaanosirraa dhukaafamuu beeksifteerti.

Haleellaa kanaan lammiileen 7 miidhamuun yaalamaa jiraachuu eerameera.

Waraanni Israa’eel gama isaan diroonoota kanneen qolachuuf meeshaan dhukaafame qiyyeeffannaa isaarra miliquun lammiilee nagahaa miidhuu himeera.

Haa ta’uutii taatichi qoratamaa jiraachuu ibseera.

Humni Qilleensaa Israa’eel dhaabbilee waraanaa Hezboollaa lama haleeluu ibseera.

Ajjeechaa Fu’aad Shukiriif haloo bahuun kan hin eegalamne ta’uu maddi Hezboollaa tokko eeruu Reuters gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.