Fana: At a Speed of Life!

Heerri Mootummaa Ityoophiyaa “Haa fooyyeffamu; hinfooyyeffamiin” dhimmoota jedhanirratti mari’atame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)- Dhimmoota walfalmisiisoo “Heerri Mootummaa haa fooyyeffamu fi hinfooyyeffamiin” jedhurratti qopheessummaa Inistitiyuutii qorannoo Imaammataa Ityoophiyaan waltajjiin marii gaggeeffameera.

“Heerri mootummaa baroota sirnoota sadii booda fooyyeffamuu qaba? Yoo ta’es, maal maal fa’irratti fooyyeffama?” Mata duree jedhuun bu’aan qorannoo qaamolee dhimmichi ilaallatuuf dhiyaateera.

Daayrektarri Inistitiyuutichaa Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos akka jedhanitti, heerri mootummaa dhimmoota walfalmisiisoo hedduu kan qabuu ta’uun marichaarraa yaadota araaraa fi sirreeffamuu danda’aan ni argamu jedhamee eeggama.

Inistitiyuutichi rakkoolee biyyaalessaa garaagaraaf qorannoo saayinsaawaa gaggeessuun furmaata akka argatan hojjechaa jiraachuu dhaabbatichi erga hundeeffamee gumaacha taasise yaadachiisaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Siyyum Masfiin gama isaaniin, heerri gonkumaa fooyyeffamuuhinqabu; heerichi guutummaatti haaraan bakka buufamuu qaba fi qorannoon bu’uureffamuun marii hundagaleessaa taasisuun ni barbaachisa yaadoonni jedhan akka ka’an dubbataniiru.

Heerri mootummaa fooyyeffamuu hinqabu fi guutummaatti haqamuu qaba kanneen jedhan akka heeraa mootummaatti fudhatama kan hinqabne ta’uu eeruun, yaadani marii hundagaleessaan fooyyeffamuu qaba jedhu fudhatama kan qabuu fi filatamaa ta’uu himaniiru.

Maartaa Geetaachootu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.