Fana: At a Speed of Life!

Heeraan ala aangoo qabachuuf sochii taasifamuuf mootummaan obsa hin qabu – Dr Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Bulchiinsi hirmaachisaa fi ummanni ittiin dhaga’amu fedhii demokraasii barootati jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dabarfamuu filannoo biyyoolessaa fi murtee fudhatame ilaalchisuudhan ibsa laataniiru.
 
Bulchiinsi hirmaachisaan ummanni ittiin dhaga’amu baroota keessa dhawaata guddachaa fi gabbachaa as ga’eera jedhan.
 
Bara kana keessas demokraasii ijaaruu keessattis filannoon waliigalaa murteessadha.
 
Kunis hunda biratti eegamaa tureera jedhan Dooktar Abiy.
 
Mootummaan filannoon akka gaggeeffamu kutannoodhan hojjechaa tureeran yaadachiisan.
 
Yaata’uutii weerara vaayrasii koroonaatin sagantaa qabameen filannoo biyyoolessaa gaggeessun akka hin danda’amne hubachuudhan Boordiin Filannoo Biyyoolessaa beeksisuun ni yaadatama jedhaniiru.
 
Sababii weerarichaatin filannoo dheeressuun abbaltii Ityoophiyaa qofa hin taane. Biyyoonni kaanis ittiin rakkataniiru jedhan.
 
Addunyaan dorgommiiwwan ispoortii addaaddaa haquuf dirqameera.
 
Dhimma filannoo Ityoophiyaarrattis filmaatonni addaddaa kaa’amaniit turan jedhan.
 
Sanarraa ka’uudhanis dabarfamuu filannoo ilaalchisee akka seeraa fi heeraatti mariin taasifameeran ibsan.
 
Yaadoliin filmaataas ummataaf dhiyaatanii irratti mari’atamaa tureera jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Dhumarra rakkinicha furuuf hiikkaan heeraa akka filmaataatti fudhatamee; Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRItinis ragga’eera jedhan.
 
Mariin taasifamaa tures ijaarsa demokraasiif murteessaa ture jedhan.
 
Heeraa fi seera kabajnee, dhaabbilee demokraasii cimsaa deemun murteessadhaanis eeraniiru.
 
Paartiin Badhaadhinaa amma filannoon gaggeeffamutti biyya ni bulcha jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
 
Demokraasii heeraa gabbisuuf mootummaa ce’umsaa ijaaruuf socho’uurra hiikkaa heeratiin biyya ceesisuun murteessadha jedhan.
 
Aangoo karaa hin malleen, seeraan ala qabachuuf kan socho’uuf obsa hin qabnu. Tarkaanfii barbaachisaas fudhachuuf qophiidha jedhan.
 
Mootummaan biyya bulchaa jiru heera mootummaa kabachiisuuf ni dirqama; ummataa fi biyyi rakkoorra akka bu’an hin eeyyamu jedhaniiru.
 
Kanaaf heeraan ala aangoo qabachuuf sochii taasifamuuf mootummaan obsa hin qabu jedhaniiru Dooktar Abiy Ahimad.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.