Fana: At a Speed of Life!

Heelikooftarri Raashiyaa imaltoota 22 qabattee turte baduun dhaga’ame

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Heelikooftarri Raashiyaa imaltoota irraa hedduun isaanii tuuristoota ta’an 22 qabattee imalaa turte naannawaa Magaala Kaamchaatkaatti dhabamuun gabaafame.

Bulchaan Magaalaa Kaamchaatkaa Vilaadmiir Solodoov gama miidyaa hawaasummaa isaaniin viidiyoo gadi lakkisaniin, heelkooftarrii MI-8 jedhamtuu imaltoota 19 fi hojjettoota sadii qabattee imalaa turte waliin quunnamtiin ture akka addaan cite beeksisaniiru.

Gareen lubbuu baraarsaas naannawaa sululaa lagaa heelikooftarittiin balali’aa turetti xiyyeeffachuu eeruun, barbaachi itti fufuu ibsuu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.