Fana: At a Speed of Life!

Heddumminni Afrikaaf bifaafi seenaa isheeti- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Heddumminni Afrikaaf bifaafi seenaa isheeti jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan  Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Itiyoophiyaan Feestivaala Aartiifi Aadaa Baha Afrikaa 2ffaan Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti  qopheessuu isheetti kabajatu nutti dhagahama jedhan.

Afaanota garaagaraa dubbachuun, aadaa addaa addaa keessatti guddachuun, amntaalee garaagaraa waliin jiraachuun Afrikaanotaaf faaya ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Maddi keenya heddummina kan jedhan obbo Tamasgeen, uummattoonniifi afaanonni keenya daangaa namtolcheerra ni cehu jechuun ibsaniiru.

Biyyoota Afrikaa keessaa tokko kan taate Itiyoophiyaanis bakka argama dhala namaa, giddugala aadaafi sabdaneessaa ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan damee Kanaan walitti hidhamiinsa biyyoota naannawichaaf gahee olaanaa bahachuu kaasanii, kun immoo dippiloomaasii aadaafi walitti hidhamiinsa naannawaaf haala mijataa uumuu ibsaniiru.

Heddummina aadaafi duudhaalee ibsituu waloo tokkummaa uummattootaaf, misoomaafi nageenya waaraaf akkasumas hariiroo hawaasummaa cimsuuf itti fayyadamuu qaban jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.