Fana: At a Speed of Life!

Hayyoonni Yuunvarsiitiwwan naannoo Kibbaa keessatti argaman keessaa walitti babba’an haala yerooraatti mari’ataa jiru

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Hayyoonni Yuunvarsiitiwwan naannoo Kibbaa keessatti argaman keessaa walitti babba’an haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisee magaalaa Turmaatti mari’ataa jiru.
 
Maricha Yuunvarsiitii Jiinkaa fi mootummaa Naannoo Kibbaatu tumsaan qopheesse jedhame.
 
Maricharratti Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeessan Kilaasteera Hawaasummaa fi hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii naannoo Kibbaa obbo Hayilamaariyaam Tasfaayee argamaniiru.
 
Sirni waggoottaan 27 darbe biyya kana keessatti diriiree ture sirna faayidaa dhuunfaa guuturratti xiyyeefate ture jedhan obbo Hayilamaariyaam.
 
Humnoonni keessaa fi alaa tattaaffii biyya diiguu taasiisaa jiran qabsoo waloon fashaleessuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
 
Waraanni gareen Shororkeessaa bane diinagdee biyyaarratti dhiibbaa oolaanaa uumaa jiraachuu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Jiinkaa Dooktar Kuusee Guudiisheen dubbataniiru.
 
Hayyoonni dhaabbile olaanoo dhiibbaa ga’aa jiru ittisuuf qooda isaanii ba’uu akka qabab gaaffachuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.