Fana: At a Speed of Life!

Hayyoonni muuxannoo biyyoota marii biyyaalessaan milkaa’anii qorachuun Ityoophiyaan akka itti fayyadamtuu tasisuu qabu jedhame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Muuxannoo biyyoota marii biyyaalessaa gaggeessuun milkaa’anii qorachuun Ityoophiyaan akka itti fayyadamtuu tasisuun ga’ee hayyootaa ta’uu gorsaan Ministira Ministera Nageenyaa obbo Kaaydaakii Gazzahaany ibsan.

Ministeerri Nageenyaa marii biyyaalessaa milkeessuu keessatti gahee hayyootaa ilaalchisee Yuunvarsiitii Dabra Biraanitti marii gaggeesseera.

Kaayyoon marii biyyaalessaa marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta’e gaggeessuun tokkummaa biyyaa cimsuu akka ta’e obbo Kaaydaaiin waltajjichaan yaadachiisaniiru.

Maricha dhugoomsuuf gaheen hayyootaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Kunuunsa Hambaalee Ityoophiyaa gargaaraa Proofeesaraa Abbabaaw Ayyaaleew biyyoonni rakkoo keessoo isaanii fi waldhabdee isaanii haala mariin furuu danda’anirratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru.

Hayyoonni dhugaa fi beekumsarratti hundaa’uun yaadota furmaataa eeruun milkaa’ina marii biyyaalessaarratti qooda qabaachuu muuxannoon biyyoota biroo kan akeeku ta’uu ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa biyya kan ceesisu akka ta’uuf mootummaan walaba ta’uu akka qabuu fi uummanni hirmaannaa barbaachisaa taasisuu akka qabu hirmaattonni gaafataniiru.

Itaagany Makonnintu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.