Fana: At a Speed of Life!

Hayyoonni ijaarsa biyyaa keessatti Ashaaraa kaa’uu qabu – Obbo Taayyee Danda’uu

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) – Hayyoonni Ijaarsa Biyyaa keessatti Ashaaraa isaanii kaa’anii dabruu akka qaban Itti Gaafatamaan Pablisiitii fi yaada Uummata Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aan ibsaniiru.

Obbo Taayyeen hayyoota Godina Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Naannoo Hararii fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa irraa walitti babba’an waliin Magaalaa Hararitti Marii’ataniiru.

Marii Kanarratti Adeemsa Jijjiiramaa irratti waraqaan Qorannoo hayyoota Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo irraa affeeramaniin dhihaatee irratti mari’atameera.

Sirnoota dabran keessatti hayyoonni Ijaarsa Biyyaa keessatti gumaacha akka hin gooneef dhiibamaa ija shakkiitiin ilaalamaa akka turanii fi Mootummaan Jijjiirama garuu ijaarsa Biyyaa keessatti hayyoota hirmaachisuuf hojiin jalqabe gaarii akka tahee fi cimee itti fufuu akka qabu dubbatan hirmaattonni.

Preezdaantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii Sirnoota dabran keessatti hayyoonni Xawalwaalleedha Jachuun ijaarsa Biyyaa keessatti akka hin hirmaanneef dhiibamaa turuu himaniiru.
Mootummaan Jijjiiramaa humna hayyoota bira jiru itti fayyadamuu fi ijaarsa Biyyaa keessatti hirmaachisuuf kutannoo guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Pablisitii fi Yaada Uummataa obbo Taayyee Danda’aa hirmaannaa hayyootaan alatti ce’umsi yaadamu saffisa barbaadamuun dhufuu akka hin dandeenye himuun hayyoonni alaa komachuu irra Jijjiirama keessatti Ashaaraa isaanii kaayyachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hayyoonni tokkummaa biyyaa cimsuuf hojjachuu akka qabanis obbo Taayyeen dhaamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.