Fana: At a Speed of Life!

Hawwattummaa fi mijaa’ummaa magaalaa dabaluun sagantaa Ashaaraa Magariisaa cimsa-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)-Hawwattummaa fi mijaa’ummaa magaalaa dabaluun magaalaa magariisaa dhugoomsuu cinaatti, sagantaa ashaaraa magariisaa kan cimsuudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidantiin Shimallis Abdiisaan gama miidiyaa isaaniin ibsa kennaniin, ummanni keenya baroota dheeraaf magaalaa baqachaa ture jedhan.

Magaalli lafa eenyummaa isaatiin itti xiqqeeffamu, omisha isaa bilaashaan itti gatuu fi lafa isaa irraa buqqa’aa turuu yaadachiisan.

Hariiroon kun akka sabaatti dhiibbaa guddaa geessisaa turuu eeranii, sababni isaas, magaalaa irraa fagaachuun, dhimmoota akka saayinsii, teeknoolojii, siyaasa, artii, daldala, tajaajilaa fi kkf irraa fagaachuu waan tureef ta’uu himaniiru.

Magaalonni naannoo Oromiyaa keessa turan hundi, yaadama magaalummaatiin osoo hintaane yaadama quubsumaatiin kan hundaa’an turanis kaasan.

Hanga waggoota dhiyootti, ummanni magaalota naannaawa isaa turan irraa fayyadamaa ta’uu akka hindandeenye ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, dhugaa kanarraa ka’uun, hunda dura ummata keenya fi magaalaa walitti araarsaa jiraachuu dubbatanii, kanaaf adda durummaan magaalonni calaqqee eenyummaa ummata akka horatan hojjechaa jira jedhan.

Dabalataaniis, gama tokkoon mijatoo taasisuun jiraattotaa fi keessumoota isaanii akka hawwatan, gama biraatiin amala ammayyaa’aa horatanii faayidaa akka argamsiisan yaadama “Smart city” beeksisaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawwattummaa fi mijaa’ummaa magaalaa dabaluu keessaatti hojiin cina karaa bareechuu (road side landscape) fi magariisummaa (greenery) isaan ijoo ta’uu eeruun, hojiileen akkanaa, magaalaa magariisaa dhugoomsuu cinaatti, sagantaa ashaaraa magariisaa hojjtamaa jiru kan cimsuu ta’uu akeekaniiru.

Magaalota gama kanaan jijiirama agarsiisaa jiran keessaa magaalaan Bishooftuu isa tokko ta’u uakka fakkeenyaatti kan kaasan pireezidaanti Shimallis, hojiileen qarqara karaa bareechuu fi magariisummaa magaalattii iddoowwan haara galfii maanguddootaa, dargaggootaafi daa’immanii kan hammate ta’uu ibsaniiru.

Hojiileen kunneen kan hedduu nama hawwatan qofa osoo hintaane, aadaa ummata kan calaqqisiisan ta’uun isaanii dhimma jajjabeeffamuudhas jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.