Fana: At a Speed of Life!

Hawuzeentti balaa tiraafikaan lubbuun hirmaattota cidhaa 3 darbe

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Naannoo Tigraay Aanaa Hawuzeenitti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun hirmaattota chidhaa sadii darbuun ibsame.
Balichi Konkolaataa misirroo, waahilaa fi dabaaltota qabatee Addihutsi irraa gara Magaalaa Hawuzeenitti imalaa turee fi doqdoqqeen walitti bu’uun kan mudate ta’uun eerameera.
Haaluma kanaan lubbuun namoota 3 yoo darbu, namoota 10 irra miidhaa cimaa fi 9 irraa ammoo miidhaa salphaan qaqqabuun ibsameera.
Namoonni balichaan miidhaan irra qaqqabe Hospitaalaa Rifeeraalaa Ayidaritti wal’aansi taasifamaafii jiraachuu ragaan kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.
Ka’umsi balichaas qoratamaa jiraachuun ibsmeera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.