Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Yuunivarsiitii Wallaggaafi Jiraattotni Magaalaa Naqamtee Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Hawaasni Yuunivarsiitii Wallaggaafi Jiraattotni Magaalaa Naqamtee Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaa dhaabaniiru.

Yuunivarsiitichi hojiiwwan baruufi barsiisuu, akkasumas hojiiwwan qo’anoofi qorannoo tajaajila haaasaa gaggeessu biratti sagantaa ashaaraa magarisaa akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jiru milkeessuuf hojjetaa jira.

Hoggansi, hawaasa Yuunivarsiitichaa, barattoonni , Abbootiin Gadaafi jaarsoliin kutaaleen hawaasa garaagaraa duulaan biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.

AkkaYuunivarsiitichaatti ganna kana kampaasiwwan sadan keessatti biqiloota gosa garaa garaa kuma 50 oli dhaabuuf duulaan dhaabbiin eegalamuu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Wallaggaa Dooktar Hasan Yaasuuf dubbataniiru.

Biqiltuu duulaan dhaabbate duulaan kunuunsuu fi eegumsa taasisuu murteessaa ta’uu Kantiibaan Magaalaa Naqamtee Obbo Misgaanuu Tulluun ibsaniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.