Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni wayita tajaajila geejjibaa fayyadaman qajeelfamoota covid-19 ittisuuf ba’aan akka hordofaan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 5, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf sagantaan sochii uummataa mata duree ‘geejjibni nageenyuummaa isaa eeggamee ibsitu badhaadhinaati’ jedhuun qophaa’eera.
Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay saganticha wayita eegalchiisanitti haasaa taasisaniin, magaalichatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiin damee geejjibaatin egalamee cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Yeroo amma kanas hawaasni of dagachuun tamsa’innii vaayrasichaa sadarkaa olaanaan babaldhachaa jiraachuu kan ibsan yoo ta’u, tamsa’ina vaayrsaichaa hir’suuf qajeelfamoonni damee geejjibaatiin ba’aan hojiirra olfamuu qabuun yaadachisaniiru.
Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hoogganaan Biiroo Geejjibaa Injinaar Sixootaaw Akaal gama isaaniitin, tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf damee geejjibaan qaajelfamootaa dirqisiisoon baasuuf hirmaannaa taasifaamaa jiraachuu ibsuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.