Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni wayita ayyaana kabaju balaa tasaa fi ibiddarraa akka of eegu dhaamame

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Wayita ayyaanaatti itti fayyadamni anniisaa olaanaan waan jiruuf hawaasni balaa tasaa fi ibiddaarraa of eeggannoo akka taasisu dhaamame.

Waajjirri Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magalaa Finfinnee, Komishiniin Hoggansa Balaa Tasaa fi Ibiddaa, Eejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa fi Tajaajilli Elektirikii ayyaana jijjiirraa bara haaraa sababeeffachuun ibsa waloo kennaniiru.

Ibsichaan wayita ayyaanaatti rakkoon yoo mudateef deebii hatattamaa kennuuf hojjettoonnii fi ambulaansiiwwan qopheeffamuun ibsameera.

Hawaasni wayita cilee, elektirikii fi dungoo fayyadamu of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu hubachiisan.

Balaan tasaa kamuu wayita mudatutti sarara bilbila bilisaa 939 bilbiluun beeksisuu fi eeruu kennuun akka danda’muu ibsamuu TOI gabaaseera.

Balfoonni ba’an hawaasarratti miidhaa fayyaa akka hinhordofsiifneef qophiin duraa barbaachisaan taasifamuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.