Hawaasni tajaajila geejiba baaburaa Ityoo-Jibuutii hannarraa akka eegu gaafatame
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Tajaajilli geejiba baaburaa Ityoo-Jibuutii faayidaa damee hedduu Ityoophiyaaf argamsiisuu cimsee akka itti fufuuf hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hannaa fi manca’iinsarraa eegu akka qabu gaafatame.
Rakkoolee tajaajila geejiba baaburaa Ityoo Jibuutii fuulleeffatanii fi tarkaanfiilee fudhatamuu qabanirratti mariin gaggeeffameera.
Deetaan Ministiraa Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii Obbo Hasan Bari’oo maricharratti, tajaajilli geejiba baaburaa Ityoo Jibuutii, tajaajila biyyaalessaa kennuu cimsuuf hannaa fi manca’iinsa irratti raawwatamu ittisuuf hojiileen hawaasa hirmaachisan gaggeeffamuu qabu jedhaniiru.
Biiroleen geejibaa naannolee, dhaabbileen tikaa, qaamoleen nageenyaa federaalaa fi naannolee hawaasa hirmaachisuun bu’uura misoomaa kanaaf eegumsa taasisuu akka qaban ibsaniiru.
Bulchiinsi Magaala Dirree Dhawaa, Naannoolee Amaaraa fi Somaalee nageenya bu’uura misoomaa geejiba baaburaa eeguuf kan dandeessisu waliigalteen Ministeera Geejibaa Fi Loojistiksii fi Waldaa Aksiyoona Geejiba Baaburaa Itiyoo Jibuutii waliin mallattaa’eera.
Tajaajilaa geejibaa baaburaa hannarraa eeguuf tibbaa darbee Naannoolee Oromiyaa fi Afaar waliin waliigalteen mallataa’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.