Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni rakkoolee nageenyaan buqqa’an kumni 226 ol gara qa’ee isaanitti deebi’an – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Hawaasni sababa rakkoo nageenyaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kumni 226 ol gara qa’ee isaanitti deebi’uu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan himan.

Pireezidaantiin mootutmaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii karoora hojiiwwan qaama raawwachiiftuu bara 2016fi kallattii karoora bara baajataa 2017 ilaalchisee gabaasa dhiyeessaniiru.

Caasaaleen nageenyaa aarsaa qaalii kaffalaniin biyya balaa irraa baraaruun danda’amuu kaasaniiru.

Qindoomina Ummataa cimsuun kaayyoon diigumsaafi humnota badii fashaleessuun danda’amuu himaniiru.

Humni Finxaaleeyyii Oromoo akka diinaatti ilaalu saamichaafi qubannaa seeraan alaa taasisuuf yaalii taasisaa ture fashaleessuun danda’amuus dubbataniiru.

Naannoolee ollaatti walitti dhufeenyaafi hariiroo obbolummaa cimsuuf hojji hojjetameen tasgabbiin naannoo daangaatti uumameera jedhan.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.