Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni namoota dhuunfaa lakkoofsa gabatee Konkolaataa ni raawwachiifna jechuun socha’aa jiran of eeggachuu akka qaban waamichi dhiyaate

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Hawaasni namoota dhuunfaa dhimma lakkoofsa gabatee Konkolaataa Tajaajjilli Geejjiba Paablik Sarvisii bakka bu’iinsaan hojjechaa jiru ni raawwachiifna jechuun maallaqa gaafataa jiranirraa of eeggachuu akka qaban waamichi dhiyaateera.
Dhimma Maxxansaa fi Raabsa lakkoofsa Gabatee konkolaattootaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistikiirraa bakka bu’iinsa fudhachuun Tajaajjilli Geejjiba Paablik Sarvisii raawwachiisaa jiru ni xumursiifna jechuun namoota dhuunfaa maallaqa gaafacha jiranurraa hawaasni of eeggachuu akka qabu ibsameera.
Daayreektarri Dhimmoota Kominikeeshinii Dhaabbichaa obbo Salamoon Ambaachoow ibsa laataniin Lakkoofsi gabatee konkolaattootaa karaa seera qabeessaan Biiroolee Geejjibaa naannolee fi Bulchiinsa magaalotaa waliin walta’iinsaa kennamaa jiraachuu himaniiru.
Qaamni raabsa maxxansaa raawwatu jijjiirramuu isaatti fayyadamuun qaamoleen dhuunfaa tokko tokko dhimma lakkoofsa gabatee konkolaataa ni raawwachiifna jechuun hojii burjaajii uumaa jiraachuu obbo Salamoon ibsaniiru.
Yakkamtoota kanneen saaxiluuf dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Namoota Lakkoofsa Gabatee gaafataniif Biiroolee Geejjibaa naannolee fi Bulchiinsa magaaloota waliin adeemsa seeraa hordofee laatamaa jiraachuu fi rakkoon meeshaalee fi maxxansaa kamiiyyuu kan hin jiraanne ta’uu hubachiisaniiru.
Tajaajjilli Geejjiba Paablik Sarvisii yeroo ammaa guyyaatti Lakkoofsa Gabatee kuma 3 ol maxxansaa jiraachuu eeraniiru.
Dhaabbatichi saffisaa fi yeroo gabaabaa keessatti karaa seera qabeessan gosoota gabatee hunda maxxansuun raabsaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Daayreektoreetii dhaabbatichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.