Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni naannawaa balaa lolaaf saaxilamoo ta’an jiraatan of eegannoo akka taasiisan mootummaan yaadachiise

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC) – Waqtii Gannaan walqabatee Hawaasni naannawaa balaa lolaaf saaxilamoo ta’an jiraatan of eegannoo akka taasiisan mootummaan yaadachiiseera.

Mootummaan kutaalee biyyaatti garaagaraarratti balaawwaan waqtii gannaan walqabatanii mudateen miidhawwan qaqqabaniif gadda cimaa itti dhaga’amuu ibsuun, maatiiwwaanii fi firoottan isaaniif jajjabina hawweera.

Haaluma kanaan Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ergaa of eegannoo dabarseera.

Rooba waqtii gannaa roobaa jiruun walqabatee sigiga lafaa fi guutinsa bishaanii mudateen lubbuun lammiilee hedduu darbuu fi miidhaan qaamaa fi qabeenyi baay’een barbaada’eera.

Guyyaa kaleessaa Naannoo Sidaamaa Godina Giddugala Sidaamaa Aanaa Wenshootti rooba cimaa roobe hordofee sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 6 darbeera.

Dabalataniis Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Waag Humraatti namoonni Bidiruun Aanaa Sihaalaa Sayamitirraa gara Aanaa Ziqaalaatti laga Takazeerraa imalaa turan bishaan guuteen fudhatamaniiru.

Hawaasni haala qabatamaa waqtii gannaa hubachuun balaawwaan akka kanaaf akka hin saaxilamne of eggannoo akka taasisaan yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.