Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Muslimaa baatii Ramadaanaa kadhannaa fi waliif yaaduun akka dabarsu preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC)- Hawaasni Muslimaa baatii Ramadaanaa kadhannaa fi waliif yaaduun akka dabarsu preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis waamicha dhiyeessan.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis waamicha kan dhiyeessan sooma Ramadaanaa ilaalchisuun ibsa laataniinidha.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis ibsa isaniin Masjiidoonni cufamuun salaatni jama’aa fi Jum’aa kan hin raawwanne ta’uu ramadaana bara kana adda taasisa jedhan.

“baatii ebbifamaa kanaan kan nu ga’e Allahaan galateeffachuun hojiiwwan gaarii baayisuun itti fayyadamuu qabna” jedhaniiru.

Kanarra kan darbe murtoo ulamootaa fi mootummaan kaa’een hojii afuuraa mana keessatti raawwachuun dirqama yeroon gaafate ta’uun Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis hubachiisaniiru.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis guyyaan Sooma Ramadaanaa barana addeessii Roobii galgala yoo mul’ate soomiin Kamisa akka eegalu kana ta’u baanan garuu gaafa Jimaata soomiin kun kan eegalu ta’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.