Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Musliimaa Ayyaana Iidal Adahaa lammiileef deeggarsa taasisuun akka dabarsu waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee hawaasni Musliimaa Ayyaana Iidal Adahaa lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa taasisuun akka dabarsu waamicha dhiyeesseera.

Manni marichaa Ayyaana Iidal Adahaa 1444’ffaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Manni marichaa ibsa miidiyaaleef kenneen hawaasni musiliimaa nageenya isaa eeggatee Istaadiyamiitti sirna gaggeeffamurratti akka hirmaatu, kan qabu kan hinqabneef qooduun ayyaanicha gammachuun akka dabarsan dhaameera.

Olyaad Ahmaditu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.