Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Musiliimaa Baatii Ramadaanaa kana keessa harka qalleeyyii fi namoota humna hin qamne gargaaruu akka qaban dhaamame

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Hawaasni Musiliimaa Baatii Ramadaanaa kana keessa harka qalleeyyii fi namoota humna hin qamne gargaaruu akka qaban Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee yaadachiise.
 
Manni marichaa sooma Ramadaanaa waggaa kuma 1 fi 441ffaa sababeeffachuun hawaasa Musiliimaaf ergaa baga geessanii dabarseera.
 
Hawaasni Musiliimaa Baatii Ramadaanaa kana namoota rakkatan gargaaruun dabarsuu akka qaban Preezdaantiin Mana marichaa Sheek Sulxaan Amaan ibsaniiru.
 
Baatiin kun baatii dhiifamaa, waaliif yaadan, hojii gaarii itti hojjetanii fi kadhannaati jedhan Sheek Sulxaan Amaan.
 
Baatii Ramadaanaatti lammiilee rakkatan yaadachuu, harka qalleeyyii gargaaruu fi daa’immaan haadha fi abbaa hin qamne deeggaruun dabarsuun barbaachisaa ta’uu Itti aanaan Preezdaantii Mana marichaa Sheek Alii Mahammad dubbataniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf hawaasni Musiliimaa cimanii uumaa isaanii kadhachuu akka qabanii fi salaatas mana isaaniitti raawwachuu akka qaban Sheek Aliin ergaa dabarsaniiru.
 
Baatiin Sooma Ramadaanaa guyyaa booru guutuu hordoftoota amantaa bIslaamaa biratti ni eegalama.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.