Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni musiliimaa ayyaana Arafaa wayita kabaju tokkummaa fi walgargaaruun ta’uu qaba’- Hajii Ibraahim Tufaa

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Hawaasni musiliimaa ayyaana Arafaa wayita kabaju tokkummaa fi walgargaaruun kabajuu akka qabu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Hajii Ibraahim Tufaan ibsan.

Hajii Ibraahim Tufaan ayyaana Arafaa waggaa 1444ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Saa’uud Arabiyaa sirna Hajjiirratti kan argaman Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Ibraahim Tufaan:- Hujaajoonni Ityoophiyaa lakkoofsaan hedduu ta’an Imalli Hajjii bara kanaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni Musiliimaa ayyaana Arafaa wayita kabajan tokkummaa, nageenya waareessuu fi walgargaaruun kabajuu akka qaban gaafachuu TOI gabaaseera.

Ayyaanni Arafaa Ityoophiyaa dabalatee hordoftoota amantii Islaamaa guutuu Addunyaa biratti sirna adda addaan kabajama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.