Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni magaalichaa raayyaa ittisa biyyaa cinaa ta’uu isaanii haala itti ibsatan sagantaawwan qophaa’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Jiraattoonni magalaa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaa cinaa ta’uu isaanii haala itti ibsachuu danda’an sagantaawwan garaagaraa qindaa’aa jiraachuu ibsameera.

Itti gaafatamtuun Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinnee Aanchiinesh Tasfaayeen  saganticha ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee raayyaan ittisa biyyaa garee finxaaleyyii ABUT seeraatti dhiyeessuuf tarkaanfii fudhataa jiru haala itti deeggarsuu danda’an haalli akka mijatuuf gaaffii dhiyeessan bulchiinsi magaalichaa fudhachuu dubbataniiru.

Guyyaa boruu eegalee sagantaan dhiigaa gumaachuu mata duree ‘dhiiga keenyaa lammii fi raayyaa ittisa biyyaa keenyaaf , jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Kutaalee bulchiinsa magaalichaatti hiriirri deeggarsa kan gaggeeffamu yoo ta’u,hiriiricha rakkoon nageenyaa akka hin muudanneef qaamooleen nageenyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi mootummaa naannoo Oromiyaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Jiraattoonni hiriira kanarratti hirmaatan weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasiisu akka qaban ergaa dabarsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.