Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni kutannoo nageenyaa isaa mirkaneeffatee gara misoomaatti deebi’uuf qabu nuuf ibseera – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC) – Hawaasni kutannoo nageenyaa isaa mirkaneeffatee gara misoomaatti deebi’uuf qabu nuuf ibseera jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Pireezidaanti Shimallis Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimad waliin ta’uun Hawaasa Magaalaa Naqamtee fi naannawa magaalaa waliin dhimmoota nageenyaa fi misoomaa irratti mari’achuu isaanii fuula miidiyaa hawaasummaa isanaiin ibsaniiru.

Hawaasni kutannoo nageenyaa isaa mirkaneeffatee gara misoomaatti deebi’uuf qabu nuuf ibseera.

Hawaasa keenya nagaa barbaadu kanaaf waan hunduma dura nageenya mirkaneessuuf itti gaafatamummaa waloon akka nurra jirufi kanas raawwachuuf qophii ta’uu keenya mirkaneessineefi jirra jedhan.

Simannaa ho’aa Hawaasni Magaalaa Naqamtee isaaniif taasisaniif galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.