Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Kolleejjii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Qonnaa Aardaayittaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf galaa qopheessan

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Hawaasni Kolleejjii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Qonnaa Aardaayittaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf galaa qopheessaniiru.

Hawaasni kolleejjichaa galaa qopheessuun cinatti Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomuu ibsameera.

Diiniin kolleejjichaa obbo Addisuu wandimuun hawaasni kolleejjicha kaka’umsa mataasaatiin ijoollee isaa adda waraanaatti erguurraa kaasee deeggarsa garaagaraa taasisuu kaasaniiru.

Marsaa 3’n deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 1 tilmaamamu taasisuu himaniiru.

Galaa qopheessuu fi dhiiga arjoomuu qofa osoo hin taane ijoollee isaanii gara adda waraanaatti erguu fi barbaachisaa taanaan ofiis duuluuf qophii ta’uu hawaasni kolleejjichaa ibsaniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.