Hawaasni Kiristiyaanaa ayyaana Qillee wayita kabajan lammiilee buqqa’an deeggaaruu akka qaban abbootiin amantaa waamicha dhiyeessan
Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC) – Hawaasni Kiristiyaanaa ayyaana Qillee wayita kabajan lammiilee buqqa’an deeggaraa gadda isaanii qooddachaa akka kabajan abbootiin amantaa waamicha dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaanoonni nageenya biyya isaaniif tokkummaan dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.
Abbootiin Amantaa kunneen Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hordoftoonni Amantaa Kiristiyaanaa ayyaanicha wayita kabajan lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an yaadachuu akka qaban Paatiriiyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Abunee Maatiyaas waamicha dhiyeessaniiru.
Hawaasni Kiristiyaanaa Ayyaana Qillee wayita kabajan cancala jibbaa, of tuulummaa fi walitti bu’iinsaarraa fagaachuun afuura jaalalaa fi tokkummaan kabajuu akka qaban Phaaphaasiin Mana Amantaa Kaatoolikii Kaardiinaal Birihaanayesuus hubachiisaniiru.
Barreessaan mana maree Manneen Amantaa Amantoota Wangeelaa Lubni Darajjee Jambaruu gama isaaniin Ayyaana kana wayita kabajnu lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun gadda keessa jiran jajjabeessaa fi deeggaruun ta’uu qaba jedhan.
Abbootiin Amantaa kunneen ummataa Ityoophiyaa guutuu addunyaarra jiran maraan baga ittiin isin ga’e jechuun ergaa dabarsaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.