Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Idil Addunyaa nageenyaa fi misooma Afrikaaf deeggarsa barbaachisaa taasisuu qaba- Muusaa Faakii Maahimat

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Hawaasni Idil Addunyaa nageenyaa fi misooma Afrikaaf deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qabu Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa  Muusaa Faakii Maahimat ibsan.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa  Muusaa Faakii Maahimat haasaa yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti taasisaniin rakkoolee nageenyaa kutaawwan Afrikaa garaagaraa keessatti mul’atan maqsuuf waliin hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Afrikaan malaammaltummaa irratti duuluu fi rakkoo saamicha aangoorratti taasifamu furuun ajandaa ardichaa 2063 milkeessuuf hojjechuu akka qabdu kaasaniiru.

Waldeggarsi biyyoota Afrikaa gidduutti taasifamu cimee akka itti fufu yaadachiisaniiru.

Gamtaan Afrikaa sagantaa jijjiiramaa keessatti dandeettii keessoo isaa  cimsuun itti fufuu akka qabuu fi qabeenya ardichaa walitti qabuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu dubbataniiru.

Wandasan Aragahaanyitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.