Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni godinichaa of eeggannoo dhibee busaaf taasisu akka cimsu hubachiifame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC)- Hawaasni Godina Jimmaa dhibee busaa babal’achuu dandaa’uuf of eggannoo cimaa taasisuu akka qabu Waajjirri Fayyaa godinichaa hubachiise.

Godinichatti ji’oottan lamaan darban namootni kuma 178 dhibee busaan qabamuun beeksiseera.

Dhibeecha ittisuufis hojiin hubannoo uumuu kennamuu Itti Gaafatamaan Waajira Eegumsa Fayyaa Godinichaa Obbo Fu’aad Saabiit dubbataniiru.

Ji’oottan 2’n dhufan keessa dhibeechi miidhaa geessisu danda’uu ittisuuf sadarkaa hundatti koreen dhaabbatee hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

Ummatni godinichaa miidhaa dhibeen busaa qaqqabsisaa jiru hubachuun saphana sireetti fayyadamuu fi naannawaa isaa qulqulleessuun dhibeecha irraa akka of eegu dhaamaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.