Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni gochaa qaamolee badiisaa raawwachuuf socho’anirraa naannawaa isaa eeguu qaba-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Hawaasni ayyaana sababeeffachuun qaamolee gochaa badiisaa raawwachuuf ergama fudhatanii magaalatti jeequu barbaadan, qaamolee nageenyaa waliin ta’uun gurmaa’anii dammaqinaan naannawaa isaanii akka eegan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waamicha dhiyeessan.

Ergaa baga ittiin isin gahee kan dabarbsan Kantiibaa Adaanech, barri haaraan jibba jaalalatti, waldhiibuu walittii dhiyaachuun, shakkii wal amantaan, walqoodiisa tokkummaan, dhibaa’ummaa tattaafannaan jijjiiramee fi bakka bu’ee bara itti mul’atu akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Barri haaraan “Walkabajaa fi waldhaggeeffachuun kan cimu, hiyyummaan badhaadhinatti kan jijjiiramu, kan yaadnee fi karoorfanne ciminaan kan raawwannu haa ta’u” jechuun hawwii qaban ibsaniiru.

Walta’iinsi, tokkummaan, waliif yaaduun, gaarummaan keenya caalaatti kan mul’atu, nageenyi Ityoophiyaa itti fufiinsa akka qabaatuu fi amansiisaa ta’u hawwaniiru.

Jiraattonni Magaala Finfinnees ayyaanicha sababeeffachuun gabaan tasgabbaa’aa akka ta’u, meeshaaleen bu’uuraa, beeyladnii fi oomishaaleen midhaanii akka magalattii seenan taasifamaa jira jedhan.

Hawaasnis gabaa Dilbataa fi suuqiiwwan Waldaalee Hojii Gamtaa Shamattootaatii akka bitatuu fi qaamolee daballi gatii taasisaniif akka hinsaaxilamne waamicha dhiyeessaniiru.

Kana mirkaneessuuf koree dhimma kanaaf hundaa’een hordoffii fi to’annoon ni taasifama jedhan.

Haala shakkisiisaa kamiyyuu wayita mudatan poolisii fi humna nageenyaa naannawichatti argamu, akkasumaas bulchiinsa mootummaaf beeksisuun ayyaanichi kan jaalalaa, nageenyaa, waliin jireenyaa, waliif yaaduu akka ta’uuf, waliin haa hojjennuu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.