Hawaasni dorgommii fiigicha guddichaa fi jala bultii ayyaana Cuphaa dabalatee ayyanichi milkiin akka xumuramuuf deeggarsa taasisuu cimsee itti fufu qaba jedhame
Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC)- Dorgommii fiigicha guddichaa fi jala bultii ayyaana Cuphaa dabalatee ayyaanichi milkiin akka xumuramuuf jiraattoonni magaalaa Finfinnee deeggarsasaa baratamee cimsee akka itti fufu Komishiniin Poolisii magaalichaa gaafateera.
Hawaasni Ayyaanni Qillee nagaan akka kabajamuuf tarkaanfiwwan of eeggannoo hojiirra olchuu fi qaamolee nageenyaa deeggaruun shooraa ba’ateef komishinichi galateeffateera.
Ayyaanni Qillee magaalaa Finfinneetti rakkoo tokkoo malee akka xumuramuuf qophiin dura taasifamuun hojiiwwan garagaraa hojjetama turu ibsameera.
Qaamoleen nageenyaa abbootii amantaa fi jiraattoota magaalichaa akkasumaas qaamolee bulchiinsa waliin qindoominaan hojjechuun ayyanichi kara nagaatin akka kabajamuu taasifameera.
Dabalataanis Dilbataa ammoo magaalaa Finfinneetti dorgommi fiigicha guddichaa fi jala bultii ayyaana Cuphaa (Kataraa) dabalatee ayyaanni Cuphaa milkiin akka xumuramuuf jiraattoonni magaalichaa deeggarsasaanii baratamee cimsanii akka itti fufaan yaadachiisu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.