Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Diyaaspooraa deeggarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Hawaasni Diyaaspooraa deeggarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu Waldaan Diyaaspooraa Itiyoophiyaa waamicha dhiyeesse.
Waldichi qaamolee mootummaa garaagaraa waliin marii taasiiseera.
Hawaasa diyaaspooraa misoomaa fi dhimmoota biyyaarratti akka hirmaatan taasiisuuf marii gaggeeffame ta’uu eerameera.
Hoggantoonni Komishinii Invastimantii, Tajaajila Diyaaspooraa fi bakka buutoonni dhaabbilee biroo maricharratti hirmaachuu eerameera.
Ijaarsi hidha Haaromsaa sadarkaa amma jirurra akka gahu hirmaannaan Hawaasa Diyaaspooraa olaanaa ta’uu Daayrektarri Olaanaan Waajjira Qindeessaa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Dooktar Aragaawwii Bariheen ibsaniiru.
Hawaasni Diyaaspooraa deeggarsa taasisu ammas cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.