Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni daldalaa seeraa kabajee haala tasgabba’aan akka socho’uuf bulchiinsi magaalaa xiyyeeffanoon ni hojjeta-Aadde Adaanach

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC)- Hawaasni daldalaa seeraa kabajee haala tasgabba’aan akka socho’uuf bulchiinsi magaalaa xiyyeeffanoon akka hojjetu itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.
Aadde Adaanach Abeebee fi sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay daldaltoota waliin mari’ataniiru.
Aadde Adaanach rakkoowwan sirna daldalaarratti muul’atan furamuun hawaasni daldalaa haala tasgabba’aa ta’ee fi seeraa kabajuun akka hojjetuu taasisuuf xiyyeeffanoon ni hojjetama jedhaniiru.
Magaalichatti yeroo amma mul’ata kan jiru daballii gatii fi seeraa daldalaa mirkaneessuuf tattaaffi taasifamuuf daldaltoota seeraan alaa daballii gatii hin barbaachifne taasisanii fi oomisha kan dhoksan irratti tarkaanfii fudhatamuuf hawaasni daldalaa tumsa barbaachisaa fi deeggarsa akka taasisuu waamicha dhiyeessaniiru.
Waltajjichi mata duree ‘Hirmaannaa gurmaa’insa daldaltootaa fi fayyadamummaan Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa Ityoophiyaa ni taasifna’ jedhuun magaalichatti daldaltoota kutaa magaalaa hunda keessaa walitti babba’an hirmaataniiru.
Mariichaan bodaa Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee fi Biiroon Galiiwwan magaalaa Finfinnee fooramii daldaltootaa fi mana maree waldaa damee daldalaa Finfinnee waliin waliigaltee sadanaa mallateessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.