Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Biqiltuu dhaabe akka dhala isaanitti kunuunsuu qaba – Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014 (FBC) – Hawaasni Biqiltuu dhaabe akka dhala isaanitti kunuunsuu akka qabu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.
Dooktar Habtaamuun magaalaa Goondaritti argamuun sagantaa dhaabbii biqiltuu gaggeessaniiru.
Biqiltuu dhaaban kunuunsanii guddisuun akka daa’iman dahanii guddisuutti ilaallama jedhan.
Sagantaa dhaabbii Biqiltuu kanarratti Kantibaa magaalichaa dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaachuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Goondarirraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.