Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Aanaalee Godina Harargee Lixaa lammilee Aanaa Hawwii Guddinaa sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Hawaasni Aanaalee Godina Harargee Lixaa lammiilee Aanaa Hawwii Guddinaa sababa hongeen miidhamaniif midhaan nyaataa kuntaala 600 deeggarsa taasisaniiru.
Godinichatti rakkoo hongeen hawaasni deeggarsa hatattamaa barbaadan dabalaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Godina Harargee Lixaa Aadde Alfiyaa Toofiq dubbataniiru.
Itti Aanaa Bulchaan Aanaa Hawwii Guddinaa obbo Asnaaqaa Tasfaayee gama isaaniitiin Aanaan kun Gammoojjii ta’uu isaa bira dabree bara kana roobni arfaasaa fi gannaa waan hin roobiniif rakkoon kun nu mudachuu eeraniiru.
Magaalaa Guddoo Aanaa Hawwii Guddinaa dabalatee Araddoota 32 keessatti hongeen mudachuu isaan rakkoon midhaan nyaataa fi bishaan dhugaatii hammachaa jiraachuu himaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Aanaa Hawwii Guddinaa obbo Lataa Lammeessaanis sababa dheerachuu hongeen rakkoon bishaan dhugaatii loonii daraan hammachaa jiraachuu himaniiru.
Aanaa Hawwii Guddinaatti yeroo ammaa bishaan Jarikaanni 1 Birrii 75 -130tti gurguramaa jiraachuu jiraattoonni aanichaa ibsaniiru.
Itti gafaataman Waajjira Hoggansa Sodaa fi Kaafamtoota Misooma Aanichaa Obbo Ibsaa Ahimad Aanichatti sababaa hongeen namaa fi Beelladarra miidhaan ga’aa jiraachuu eeruun,maatiin kumni 53 ol rakkoo hamaaf saaxilamuu dubbachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.