Fana: At a Speed of Life!

Hawaasaatti pirojektoonni fayyaa Birrii Biiliyoona 1’n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Pirojektoonni Fayyaa Birrii Biiliyoona 1n Hawaasaatti ijaaraman eebbifamaniiru.

Pirojektooni kunneennis Manneen qorichaa Ummataa, giddugala wal’aansa fayyaa sammuu, giddugalaa wal’aansa kaansarii fi wal’aansaa fayyaa daa’imman reef dhalatanii fi kanneen biroo ta’uun ibsamera.

Giddugala Wal’aansaa Kaansarii kutaalee ciisichaa 100 kan qabuu fi baasii Birrii miiliyoona 400’n ijaaramuu Diiniin Koolleejjjii Wal’aansa fi Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiistii Hawaasaa Pirofeesara Gargaaraa Alamuu Maammisoon dubbataniiru.

Giddugalli Wal’aansaa Kaansarii akka biyyaalessaatti isa 4ffaa ta’uu eeruun, Naannoo Sidaamaa dabalatee hawaasaa naannawichaa kan tajaajilu ta’uu himaniiru.

Taammanaa Araggaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.