Fana: At a Speed of Life!

Hawaasaatti iddoo gabaa Aroogee jedhamee waamamuutti balaa ibiddaa qaqqabeen shaqaxoota sheedii 1 keessaa jiran barbadeesse

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) –Magaalaa Hawaasaatti bakka gabaa Aroogee jedhamee waamamuutti balaa ibiddaa qaqqabeen shaqaxoota sheedii 1 keessaa jiraan barbadeessuu ibsameera.

Balaan ibiddicha halkan sa’aatii 7tti kan qaqqabee yoo ta’uu, ka’uumsiisa hin beekamne.

Ibiddichi sheedoota birootti akka hin qabanneef hirmaannaa hawaasaa fi qaamoolee nageenyaan to’atamuu danda’eera.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Hawaasaa gargaaraa proofeesseraa Tsaggaayee Tukee, bakka balichi itti qaqqabee daawwachuun bulchiinsi magaalicha lammiilee sababa balichaan qabeenyaan jala gubatee deebisanii dhaabuuf akka hojjetaan ibsaniiru.

Balaa qaqqabeen lubbuu namaa fi miidhaan qaamaa kan hin qaqqabnee ta’uus ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.