Hawaasa godinichaa hongeerraa dandamachiisuuf aanaa Taltalleetti proojektiin Birrii miiliyoona 23 olii eegalame
Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Dhaabbanni miti mootummaa Mana Amantaa Makaana Iyyesuus hawaasa godina Booranaa hongeerraa dandamachiisuuf aanaa Taltalleetti proojektiin Birrii miiliyoona 23 fi kuma dhibba 5 jalqabsiise.
Proojektichi rakkoolee gogiinsaan muudachaa jiran gama bishaan dhugaatii fi nyaataa deeggarsa hatattamaan hawaasa dandamachiisuu irratti xiyyeeffatee kan hojjetuu ta’uu Dhaabbatichatti Qindeessaan Damee Kibba Ityoophiyaa Obbo Wandimmuu Waalleluu ibsaniiru.
Proojektichi namoota Kuma 60 baatiiwwan sagaliif kan deeggaru ta’uu kaasaniiru.
Porojeektichi baatiiwwan 9 kan turu ta’uu Qindeessaa Sagantaa dameelee Bulee Horaa fi Godina Booranaa Obbo Adoolaa Gammadaa eeraniiru.
Proojektichi gandoota aanichaaa 7 irratti kan hojjetu ta’uu himuun Daa’imman 900f nyaata madaalawaaa , dubartoota ulfaa 600 ammoo deeggarsa garaagaraa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Hojii maddawwan bishaanii haaromsuu, gabbisuu fi hubannoowwaan garaagaraa uumuus kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Dabalataan qonnaan bulaa 600 fi dubartoota harka qalleeyyii Kuma 1 madda galii akka uummataniif kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Ittaanaan Bulchaa Aanaa Taltallee Obbo Abduuba Komsoo yeroo kanaatti sagantaan Kun eegalamuun hawaasaaf murteessaa ta’uu himuun milkaa’ina isaatiif akka tumsan ta’uu dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.