Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa Godina Booranaaf qophii qonna gannaatif sanyii fi callaa guddistuun adda addaa dhiyaachaa jira

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC)- Hawaasa Godina Booranaaf qophii qonna gannaatif sanyii fi callaa guddistuun adda addaa dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.

Hawaasa Godina Booranaaa qonnaa fi horsiisa horiin jireenya isaanii gaggeessaniif dheerachuu roobaan rakkoo saaxilamaniif qophii qonna gannaaf dhiyeessii sanyii fi callaa guddistuun dhiyaachaa jira.

Hawaasni kunneen calla guddiftuu isaaniif dhiyaataa jirutti kan gammadan ta’uu fi gama isaaniitiinis qonna gannaaf qophii gochaa jiraachuu himaniiru.

Qonna Ganna kanaan Godinichatti laftii hektaara kuma 96 qotame keessaa Aanaalee 7 tti lafa hektaara kuma 25 paakeejjii guutuun qamadii facaasuuf hojii hojjetamaa jiruun sanyiin kuntaala kuma 9 olii fi callaa guddistuun kuntaala kuma 3 fi dhibba 8 dhiyaachuu itti gafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Booranaa Obbo Mahammad Abbaaqooda himan.

Hojii facaasaa itti fufiinsaan hojjetamaa jiruun Aanaa Goomoleetti lafa qonna hektaara kuma 1 fi dhibba 8 qotame facaafamaa jiruuf dhiyeessiin sanyii qamadii kuntaali dhibba 2 kan dhufe ta’uu itti gaafatamaan Waajjira qonnaa Aanaa Gomolee Aabba Diidi Qancooraa himan.

Hojii torbee facaasa qonna gannaa Godinichatti eegaleen hawaasa bonaan miidhametti abdii horuuf hojii hojjatamaa jiru ta’ee milkaa’ina hojii kanaatiif gama Mootummaatiin deeggarsi dhiyeessii sanyii fi xaa’oo dhiyaachuun Aanaalee adda bahanitti itti fufiinsaan hojjatamaa jiraachuu Bulchaa Itti Aanaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyo himuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.